Monday 19 May 2014

Gara namoota dhimmi Ummata Oromoo Isaan ilaalchisu hundaa

Gara namoota dhimmi Ummata Oromoo Isaan ilaalchisu hundaa

Exif_JPEG_420Suuraan intaloo armaangadiitti argitantun,
Maqaan isii, Zinnaaash Asaffaa Dachaasaa,
Isiintun hujiidhaaf karaa koontaraata Agency tiin biyya YEMEN hojjachuuf kan dhufte yootahu,…
akka namoota isii karaarraa arge irraa yaroo odeefannu,
guyyaa 14/05/2014 akka poolisiin mana hidhaa magaalaa Sana’a keessa mana hidhaa jiru keessaa baasee humnaan isaanitti kannuudhaan akka gara Embaasii Ethiopia geesan jechaaf, yaroo ijoolleen Oromoo intaloo poolisiin itti kanne fuudhanii Embasi Ethiopia geesan, intaloon waan mataansii Xuqamee Jiruuf Embasin Ethiopia isaanirraa fuudhuu dide waanta’eef intala Oromooti jechuudhaan gara waajjra Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, fiduudhaan darbanii biraadeeman.
Koreeleen wajjira TBHOY, INTALOON intala Oromoo tahuu isii hubannee rakkina isirra gahe yaroo gaafannu, intaloon mataan isii fayyaa waan hintaaneef akki nuu deebiste, ,< amata tokkoofii cinaa akka hojjachiisanii maalaqa ishee dhoorkatanii nama tumte jechuun mana hidhaa naqan>
saniinbooda koreen fayyaa kan TBHOY, INTALOO gara UNHCR itti debersuudhaan mana yaalaa kan nama mataan dhukkubuu galchine.
Guyyaa 17/05/2014 Doktorri mana yaala gachinee nuufbilbiluudhaan akka intaloon Duute nutti himan, yaroo ammaatiif mana yaalaa mana reefkaa keesa waanjirtuuf,
oduu kana akka adduunyaaf gabaastan, ammallee AKKA WARRI iSHEE (ejansi) ishee Kontaraata Fuudhe INTALA ISAANII Seeraan Gaafatan,
iyyaafatanii iTTI GABAASTAN KHABAJAAN ISN GAAFANNA!!
GALATOOMAA,

No comments:

Post a Comment