Tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa amma barbaachisaa fi murteessaa dha
Abdii Boruutiin | Caamsaa 18, 2014
Barreeffamoota (barruulee) yeroo adda addaa dhiyeessaa ture keessatti harka caalaa waayee tokkummaa ilmaan Oromoo barreessaa akkan ture ni yaadatama. Yeroo sanatti dhimma tokkummaa cimsee akkan kaasu kan na taasise sababni inni hangafti jaarmayootni Oromoo gara gara hiramanii; qabsaa’otni keenyas akkasuma gara gara faffac’anii humni mooraa keenyaa waan laaafefi. Keessumaayuu ammoo jaarmayaan jaalatamaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) bakkee saditti hiramuu isaatu sababa guddaa ta’e. Yeroo waayee tokkummaa qabsaa’otoa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo barreessu sana tokkummaan ilmaan Oromoo akka uummataatti baay’ee na hin yaaddessine ture. Xiyyeeffannaan kiyyas irra caalaan jaarmayoota siyaasaa keenyatti ture jechuu dha. Har’a garuu haala amma keessa jirru, keessumaayuu haala uummatni Oromiyaa keessa jiru yoon ilaalu, tokkummaa jaarmayootaa qofaa otuu hin taane walumaagalatti tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa barbaachisaa akka ta’en hubadha.
Wayyaaneen shira bosona keessatti xaxaa turtetti fayyadamtee; erga maqaa Oromootiin jaarmayaa maxxannee (Dhaaba Diimookraasii Uummata Oromoo – DhDUO ykn OPDO) uumtee ABO irratti duula labsitee kaasee; jaarmayaadhuma kanatti fayyadamuudhaan shira fi daba hamma kana hin jedhamne dalaguudhaan bar-kurnee lamaa ol uummata keenyatti karaalee adda addaatiin roorrisaa jirti. Uummata keenya kan lakkoofsi isaa hin beekamne, kaan mana hidhaa keessatti dararaa; kaan ajjeestee karaarratti gataa; kaan biyya abbaa isaaniirraa akka baqatan taasisaa; tooftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan uummata keenyarratti badii guddaa dalagaa turte; ammas bifa biraatiin cimsitee dalagaa jirti. Tooftaan Wayyaaneen amma itti fayyadamaa jirtu garuu bifaanis ta’ee ayinaadhaan kan yeroo biraarra adda ta’ee; uummata Oromoo fi biyya keenya Oromiyaa dhabamsiisuuf kan deemu akka ta’e mul’achaa jira. Karaa tokkoon maqaa shororkeessaatiin, ABO sababa godhachuudhaan ilmaan Oromoo hidhaa fi ajjeesaa turte, jirtis. Karaa biraatiin ammoo, maqaa guddinaa fi misoomaatiin namoota keenya bira dabartee lafa keenyallee daqchee Oromiyaa dhiphisuu fi sirumaa balleessuuf ciminaan dalagaa jirti.
Ana kan gaafii guddaa natti ta’e fi baay’ee na yaaddessaas jiru dhugaa dubbachuudhaaf waayee lakkoofsa uummata Oromoo ti. Yeroo baay’ee uummatni Oromoo lakkoofsaan uummata miliyoona afurtamaa (40) ol ta’u dha jennee dubbachaa jirra. Mee itti yaadnee dhugaas haa dubbannuu, lakkoofsa kana mirkaneessuudhaaf ragaa qabnaa? Uummatni tokko hanguma du’u dhalachaa fi baay’achaas akka deemu kun seera uumaa ti. Haa ta’u malee, dhugumatti yoo waayee kana ittiyaadne, Wayyaaneen waggoota diigdamii sadeen (23) dabran kana keessatti uummata keenya hangam lakkoofsaa isaa hiri’saa akka dhufte hubachuu dandeenyaa? Uummata keenya kan lakkoofsi isaa guddaa ta’e kana xinneessuu akka danda’an Wayyaanotni, keessumaayuu hogganaan isaanii kan dur Mallasaan dubbatee fi dhaadatee akka ture ni yaadatama. Egaa, waayeen kun gaafii guddaa uumee jira. Otuu lakkoofsa guddaa himannuu, diinni nama-nyaataan kun nu dhabamsiisuuf akka karoorfate fi karoora isaa kanas sadarkaa sadarkaadhaan hojiirra oolchaa akka jiru sirriitti hubachuu qabna. Maastar Plaaniin Finfinnee fi godinaalee addaa Oromiyaa jedhamanii kun karoora diinaa keessaa isa tokkoo dhaa bar.
Har’a barattootni keenya shira nurratti dalagamaa jiru fi badii nutti dhufaa jiru kana hubachuudhaan; dammaqanii gamtaadhaan ka’anii falmchaa jiru. Sababa kanaan ijoolleen keenya akka saree karaarrtti ajjeefamaa; lakkoofsi isaanii kan hinbeekamne mana hidhaatti guuramaa akka jiran Waaqayyoo/Rabbi qofaatu beeka. Inni kunuu qaama duula uummata keenya lakkoofsa isaa xinneessuu ti. Gama tokkoon lakkoofsa uummata keenyaa hir’isaa; gama biraatiin dachee Oromiyaa dhiphisuudhaan; Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf akka deeman ilmi ykn intalli Oromoo kan ija qabu arguu fi kan gurra qabu dhagayuu qaba. Shirri Wayaaneen dalagdu kan lakkaawamee dhumuu miti. Har’allee yeroo qabsoon mirga uummata keenyaa ijoollee keenyaan qabsiifamee akka ibiddaa boba’aa jiru kanatti, uummata keenya sodaachisuu fi/ykn gowwoomsuudhaanis haa ta’u akka uummatni Oromiyaa tokkummaadhaan wal bira hin dhaabbanne godhaa jirti. Yeroo ammaa, yeroo keessa fi alaan sochiin uummata keenyaa cimaa jirutti; yeroo tokkummaan Oromoo yoomiyyuu caalaa addunyaa kanarratti mul’achaa jirutti; uummata addaan hiruu fi walirratti kakaasuuf tooftaa biraatiin duula nurratti godhaa jirti Wayyaaneen.
Waanuma yeroo ammaa ta’aa jiru akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, Wayyaaneen dhimma Maastar Plaaanii Finfinnee ilaalchisee, yeroo uummatni Oromoo bal’aan harka walqabatee socha’aa jirutti, uummta keenya sobuu fi sodaachisuudhaan akka hiriira bayanii Maastar Plaanii kana deeggaran fakkeessuuf carraaqaa jirti. Kun tooftaa uummata Oromoo addaanqooduu fi walirratti duulchisuu ykn waldura dhaabsisuu ti. Kunoo uummatni Oromoo Plaanii guddinaa fi misoomaa kana deeggaraa jira jedhanii dubbii dharaatiin hawaasota Addunyaallee afaanfaajjessuuf shira dalagamaa jiru akka ta’e Oromoon hubachuu qaba. Uummatni Oromoo bal’aan waayee Maastar Plaanii Finfinnee kanaan mormaa otuu jiranuu; lakkii isaan kun warra humnootni farra-nagaa fi farra-misoomaa duuba jiranii dha; ijoolleen (barattootni) dhimma kanarratti mormii godhaa jiranillee akkasuma ijoollee muraasa ta’anii dha jechuudhaan uummata keenya fi kan biroo afaanfaajjeessuuf yaalii guddaa godhaa jirti faashistii Wayyaaneen. Egaa shirri Wayyaanee kan lakkaawamee dhumu fi kana sana jedhumu waan hin taaneef, hanga ishiin hundeedhaan buqqaatee Oromiyaa keessaa achi darbamtutti shirri biraas waan itti fufuuf kana hubachuu fi ofqopheessuutu furmaata dha.
Furmaatni rakkoolee kanaa maali? Yoon gaafii kana kaasu, akka heerragaa salphaadhumatti Foormulaadhaan furmaatni ykn falli rakkoo kanaa isa kana jennee lafa kaayuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Qabsoo bilisummaa Oromoo kan haala walxaxaa ta’e kana keessatti godhamaa jiru yookaanis dhimma Oromoo kan baay’ee rakkisaa ta’e kana dhiisii rakkoon biraatuu salphaadhumatti furmaata argachuu hin danda’u. Haa ta’u malee, akka qaama furmaataatti ilaaluu kan dandeenyu inni guddaan tokkummaa uummata Oromoo ti. Inni kun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Otuu irra hin dabrin carraa kanaan wantin ibsuu fedhu tokko, hangan beeku fi hubadhetti, bara 1991 as tokkummaan Oromoo, keessumaayuu biyya ambaa keessatti, hanga yeroo ammaa kan mula’tee hin argine. Kun waan baayee nama gammachiisu fi boonsu dha. Diinni fi alagaan nu tuffachuu fi nutti qoosuudhaan, Oromoon walii hin galtu; Oromoon tokko hin taatu kan jechaa turan, tokkummaadhaan walbira dhaabbachuu keenya yoo argan dhugumatti akka rifatani fi sodaatanillee waan hubatamuu danda’u fi dhara hin taanee dha.
Diina rifachiisuu, naasisuu fi sodaachisuunuu qabsoo isa tarkaanfii duraa ti. Tokkummaan diina sodaachisu kun ammoo cimaa fi babal’achaa deemee humna cimaa fi abdachiisaa yoo uume, wanti diina hin injifanneef sababni ni jira jedhee hin yaadu. Kanaaf, yeroo ammaa tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaallee akka ta’u hubachuu qabna. Tokkummaa keenya qofaatu badii Oromoo fi Oromiyaarraa nu hanbisa. Tokkummaa keenya qofaatu akka addunyaanillee nu hubattu taasisa. Tokkummaa uummata Oromoo qofaatu galii barbaadnutti nu geessuu danda’a. Yoo tokkummaan uummata keenyaa cime, diinni fi alagaan nu keessa seenee addaan nu hiruuf carraa hin argatan. Tokkummaadhaan harka walqabannee keessa fi alaan sochoonee, Oromoo fi Harmee teenya Oromiyaa badiirraa haa oolchinu. Lafeen ilmaan Oromoo kan qabsoo kana keessatti caccabde fi dhiigni ilmaan Oromoo kan dhangalaye; lubbuun gootota keenyaa kan galaafatamte gumaa argachuu qabu. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru. Akka shakkiin hin jiraanne, tokkummaa keenya haa jabeessinu.
Galatoomaa!
No comments:
Post a Comment