Ibsa ejjennoo Amantii Waaqeffannaa, Norway: Barattoota motummaan Tophiyyaa biyyatti miidhaa irraan gahe laalchisee ibsa ejjennoo | Waqeffanna Oromo Religion in Norway: Press release regarding the killing of Oromo students in Oromia – Ethiopia
Waqeffanna Oromo Religion in Norway: Press release regarding the killing of Oromo students in Oromia – Ethiopia
We are saddened by the news of killings of students in Oromia, Ethiopia. The students protested peacefully against the master plan of Finfinne /Addis Ababa/ due to the government’s plan to include the farms around Finfinne in the city plan and sell the land as usual.
We have learnt that the farmers around Finfinne have lost their farm land by the name of foreign investment. Their land is given to investors and sold as a plot for building houses. The farmers became the daily labourers on their own land and many of them left their indigenous land.
This has made the farmers servants on their own land. Waqa (God) has not created anyone as master and servants. We are all equal in front of Waqa.
The students who protested this are being killed by Agazi soldiers and police of Ethiopian government. We watched videos of merciless killings of young students and people on the streets of Ambo, Robe, Nekemt, Dembi Dollo, etc. and the rest of the country. Above all, the Ethiopian government act irresponsibly and didn’t allow the family to collect the dead body of their children. Those who injured are not allowed to get medical attention as punishment. This shows the brutality of Ethiopian government.
The killing of students is not acceptable by any human standards. We call upon our members to stand hand in hand with their brothers and sisters and give them the necessary support. We call upon international community, UN, EU and USA and international religious organizations to condemn the act of Ethiopian government and bring the killers who commit this criminal act to justice.
We also call upon humanitarian organizations to be aware of the situation and give the necessary assistance to save the lives of the injured and displaced ones.
Waqeffanna Oromo Religion in Norway
Bergen, May 8. 2014
Norway
Ibsa ejjennoo Amantii Waaqeffannaa, Norway: Barattoota motummaan Tophiyyaa biyyatti miidhaa irraan gahe laalchisee ibsa ejjennoo
Barattoonni Oromoo universitiifi maatin isaanii haala Mastar plaanii Finfinneen naannawa ishii dhuunfachuu laalchisee hiriira nagaa bahaniif ajjeecha fi hidhaa mootummaan Tophiyaa raawwate hedduu nu gaddisiise. Barattoonni kuni kan yaadda’aniif mootummaan Toophiyaa akkuma baratame lafa qotee bulaa naannaa Finfinnee jiru irraa ari’ee akkuma baratame maqaa invetmentiitin gurgurachuuf ta’uu isaati.
Akka haala achi jirurraa hubannetti, qonnaan bultoonni naannaa Finfinnee jiraatan lafa isaanii mana irratti ijaarudhaaf sababa jedhuun mootummaan irraa fudhatee lafa ofitirratti deebi’anii hojjettuu ta’anii qaxaramuu ykn achii ari’amanii rakkinarra bu’uutu isaan mudata. Kanarraa kan ka’e lafa abbaa ofii kan irratti dhalataniifi afaanif aadaa ofii dhabuun akka isaan mudatu walnama hingaafachiisu.
Akka amantii keenyaa Waaqnis nama yoo uumu kaan gooftaa waan fedhe namarratti raawwatu, kaan immoo gabbartuu gooftaa sanii godhee hinumne. Nama maraa walqixa uume.
Waraanni mootummaa kan Agaaazii jedhamuufi Foolisiin ummata baratoota waliin Naannoo Oromiyaa Ambotti, Roobetii, Naqamtetti, Dambii Doollotti kkf. ajjeessun isaan vidiyoodhaan yoo agarru hedduu nu rifachiisee jira. Motummaan suni irree ofii abdachuudhaf warri ijoollee ofii kan duutellee akka reefa fuudhee hinawwaallane, kan madaa’an akka hinhakimsiisfne dhoowwe. Kuni hagam tokko akka mootummaan suni naatoo uummataaf hinqabne mul’isa.
Ajjeechan barattoota fi ummataa kuni sammuu ilma namaa kamiifuu fudhatamaa miti. Miseensoonni keenya martuu akka obbolaa ofii biyyatti miidhamaa jiran waliin dhaabbatanii deeggarsa barbaachisu maraa godhan yaamicha goona.
Waaqeffannaan Oromoo Norway Mootummoota Addunyaa walta’niif, Mootummoota Waliigaltee Awuroppatiif, Mootummaa Amarikaanitiif, Hawaasa Addunyaatif, akkasumas dhaabilee amantii maraaf akka ajjeechaa motummaan Tophiyaa raawwate kana balaaleffatan akkasumas akka namoota gocha kana raawwate seeraf dhiyeessu gaafanna.
Akkasumas, dhaabbileen gargaarsaa haala kana hubachuun deeggarsa barbaachisu warra madoo fi rakkateef akka godhan yaamicha goona.
Waqeffanna Oromo Religion in Norway
Bergen, Caamsaa 8 bara 2014
Bergen – Norway
No comments:
Post a Comment